. Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa
Gahee fi aangoo hojii IQQO labsii lakk. 242/2014 irra deebiin fooyya'e
1) Hojii qorannoo qonnaa ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa;
2) Sagantaan qorannoo qonnaa fedhii, imaammataafi tarsiimoo misoomaa mootummaan baasuun kan walsimu ta’uusaa ni mirkaneessa;
3) Giddugaleessota qorannoo qonnaa adda addaafi dhaabbilee barnoota ol’aanaa waliin qindoominaan ni hojjata; gabaasa qaamolee kana irraa dhiyaatu ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;
4) Bu’aa qorannoo qonnaa mirkanaa’e itti fayyadamtootni akka beekaniifi hojiirra akka oolchan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
5) Giddugaleessootni qorannoo qonnaa haaraan akka hundeeffaman, akka walitti makaman yookiin akka diigaman yookiin akka addaan bahan yaada murtee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu murtaa’u hojiirra ni oolcha;
6) Mala qonnaafi bu’aa qorannoo qonnaa irratti hubannoon hawaasaa akka cimu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
7) Bu’aa qorannoo qonnaa biyya keessaafi biyya alaatti gaggeeffaman ilaalchisee ragaalee walitti ni qaba; ni kuusa; ni raabsa; sirna ragaalee walitti dabarsuu ni diriirsa; ni hooggana;
8) Dhaabbilee qorannoo qonnaa, mala qonnaafi barnoota qonnaa gidduutti qindoominni hojii akka jiraatu haala ni mijeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjtata;
9) Humna namaa gahumsa qabuufi qorannoo qonnaa irratti bobba’u ni horata;
10) Waldaalee ogummaa qonnaa ni jajjabeessa; hojii qorannoo qonnaatiif ragaalee barbaachisan waljijjiiruudhaan bu’aa akka buusan haala ni mijeessa;
11) Hojii qorannoo qonnaa irratti qaama hirmaachuu barbaaduuf hayyama ogummaa ni kenna; ni haaromsa; ni hordofa; ni to’ata; ni haqa;
12) Qaamolee hojii misooma qonnaa irrati bobba’an tajaajila laaboraatorii biyyoo akka argatan haala ni mijeessa; deeggarsa ni kenna.