.
Aangoo fi Gahee Inistiitiyuutichaa
Inistiitiyuutichi aangoo fi gahee armaan gaditti ibsaman ni qabaata.
- Imaammataa fi tarsiimoo qorannoo qonna naannichaa baasuu; tartiiba qorannoo murteessuu; sagantaaf karoora hojii qopheessuu; yommuu mootummaan mirkanaa’an hojiirra oolchuu fi hordofuu;
- Fedhii misooma naannichaa waliin kan wal simu sagantaa qorannoo qonnaa fi piroojektootaa qopheessuuf qajeelfama gargaaru qopheessuu; hojiirra oolchuu;
- Akkaataa imaammataafi tarsiimoo qorannoofi misooma qonnaa naannichaatti hojii qorannoo qonnaa geggeessuu ykn akka geggeeffamu gochuu;
- Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun bu’aan isaanii kan mirkanaa’e firii qorannoo qonnaa qaamni itti fayyadamu akka beekuu fi hojii irra akka oolchu kan gargaaru qajeelfama baasuu; hojiirra oolchuufi hordoffii gochuu;
- Imaammataa fi tarsiimoo qorannoo qonnaa bu’uura gochuudhaan giddugaleessotni jiran akka waliitti makaman/cufaman/itti fufan, akkasumas; haaraan akka banaman yaada murtee booordichaaf dhiyeessuu; murteee kennname hojiirra oolchuu;
- Qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun beekumsi uummataa kan mala qonnaa akka babal’atu taasisuu; firii qorannoo irraa argamu beeksisuu;
- Biyya keessaa fi alaatti kan geggeeffaman qorannoo qonnaa fi firii qorannoo ilaalchisee ragaalee hunda walitti qabuun kuusuu fi raabsuu; sirna ragaalee walitti dabarsu ijaaruu fi geggeessuu;
- Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun naannicha keessatti qorannoo qonnaa, mala qonnaafi barnoota qonnaa gidduu wal deeggarsi hojii akka jiraatuuf haala mijeessuu;
- Qorannoo qonnaa naannichaa irratti kan bobba’u human namaa beekumsaan gahoome baay’inaan horachuu;
- Qorannoo qonna naannichaa keessatti namoota ykn dhaabbilee bu’aa/firii olaanaa galmeessisaniif sirna badhaasni itti kennamu diriirsuu;
- Hojjattootaa Inistiitiyuutichaatiif haala hojii mijaawaa uumuu; qorattootaaf ogummaa fi bu’aa isaan buusan irratti hundaa’uun sadarkaa guddinaa diriirsuu fi fooyyessuu, yeroo mirkanaa’e hojiirra oolchuu;
- Waldaalee ogummaa qonnaa jajjabeessuu, qorannoo qonnaatiif ragaalee barbaachisan waljijjiiruun akka bu’aa buusan haala mijeessuu;
- Dhaabbilee qorannoo kan mootummaa federaalaa fi naannolee, akkasumas; qaama biroo kaayyoo walfakkaataa qaban waliin qunnamtii uumuu, deeggarsa gochuu; waliigaltee mallatteeessuu fi hojii irra oolchuu, hojiirra oolmaa isaanii hordofuu;
- Sagantaalee qorannoo giddugaleessota naannichaa fi kan federaalaa keessatti geggeeffaman gidduu hojiiwwan walfakkaatan irra deebi’amanii akka hin hojjatamne kan dandeessisu waljijjiirraa ragaalee fi sirna gamaggamaa diriirsuu;
- Naannicha keessatti hojii qorannoo qonnaa irratti kan bobba’ee jiru ykn kan bobbaa’uu barbaadu nama kamiifiyyuu hayyama kennuu, galmeessuu, ragaa qabachuu fi hordofuu
- Abbaa qabeenyaa ta’uu; waliigaltee raawwachuu/gochuu, himachuu ykn himatamuu
- Hojiilee hojjataman qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu;
- Kaayyoowwan isaa bakkaan gahuuf hojiiwwan biroo raawwachuu