Jilli Daarektara Olaanaa Obbo Tashoomaa Boggaalaan Durfamu Piroojektii Ijaarsa Gamoo Giddugaleessichaa Daawwate
Jilli Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggalaatiin durfamu ijaarsa Gamoo Giddugaleessa Qorannoo Kanniisaa Hoolataatti ijaaramaa jiru Manaajimentii Inistiitiyutichaa waliin Waxabajjii 22/2016 bakka qaamoleen qooda fudhattootaa argamanitti daawwateera. Daawwannaa kanaanis Pirojektiin kun yeroo gabaabaa keessatti qulqullina olaanaan ijaaramee xumuraaf gahuun isaa hojii fakkeenyummaa gaarii qabu ta’uun isaa ibsameera. Ijaarsi gamoo abbaa darbii sadii kunis Waggaa lama keessatti ijaaramee xumuraaf gahee kan jiru yoo ta’u; tajaajila Biiroo, Laaboraatoorii fi Galmoota addaa addaa kan of keessatti hammatedha.
Ijaarsi Piroojektii kunis guyyoota muraasa keessatti xumuramuun kan eebbifamu ta’uun ibsameera.