Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Badhaasa Piresideenshaal Argate
Oduu Aagaa
*********
Baga Gammaddan; Baga Gammadne
************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa manneen hojii Mootuummaa Naannoo Oromiyaa keessaa 3ffaa bahuun badhaasa 'Pirezidaanshaal Mootummaa Naannoo Oromiyaa' irratti Nahaasa badhaafame.
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa raawwii olaanaa bara kana galmeesseen sektaroota Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa 3ffaa bahuun 'President Award' irratti kabajamoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa irraa Nahaasa badhaafamee jira.
Milkaa'ina Inistiitiyuutichaatiif qooda olaanaa kan taphatan giddugaleessonni qorannoo qonnaa kudha torban (17) hundi galatniifi badhaasni kan walii keenyaa waan ta'eef dadhabbiifi dhamaatii keessaniin badhaasa argame waan ta'eef baga gammaddan.
Inistiitiyuutiin keenyas badhaasa kana akka argatuuf qaamoleen qooda fudhattootaa, Qonnaan/Horsiisee bultootni, dhaabbilee deeggarsaa adda addaa, caasaalee Qonnaa, hoggantootni sadarkaan jirtan hundi halkaniifi guyyaa dhamaatii sadarkaa kanarraan Inistiitiyuuticha waan geessiftaniif galanni keessan daraan olaanaadha.
Dhumarrattis badhaasni bara kana argame kutannoofi cimina hoggansaa kennameen bu'aa argame waan ta'eef fuulduratti bu'aa kanaa olii galmeessuun fedhii teknoolojii qonnaa hawaasni qotee/horsiisee bulaan keenya qabu guutuuf ciminaafi kutannoon haa hojjannuun dhaamsa keenya