Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Gamaggama Geggeessaa Jira

  • 05 Aug 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa gamaggama raawwii hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 Adoolessa 29/2016 geggeessuu eegale. Inistiitiyuuitchi giddugaleessota qorannoo kudha torba (17) waliin raawwii hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 irratti gamaggama geggeessaa jira. Gamaggamicha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa IQQO Obbo Tashoomaa Boggaalaa erga dabarsaniin milkaa’inni argame abdachiisaa fi kan jajjabeeffamuu qabu yoo ta’u; garuu humnaafi dandeetti qorattootaa cimsinee fuulduratti tarkaanfachuun akka barbaachisuufi bu’aa raawwii bara kana argame itti fufsiisuufi daraan dabaluuf hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.

Haaluma kanaan Inistiitiyuutichi bara kana raawwii olaanaa galmeessuun badhaasa pirezidaantawaa argachuun isaa ni beekama.

Sagantaan gamaggamaa kunis guyyoota lamaaf kan geggeeffamu yoo ta’u; hanqinoonniifi ciminoonni jiran adda bahuun kallattiin kan kennamu ta’a.