Haala Qilleensa Adda Addaa (Agro-Ecology) Keessatti Qorannoon Geggeeffamaa Jiru Milkaa’aa Jira

  • 15 Aug 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Mootummaa Naannoo Oromiyaa omishaafi omishtummaa qonna naannoo keenyaa dabaluuf xiyyeeffannoo kenneen IQQOn giddugaleessota qorannoo kudha torbaan haala qilleensa adda addaa (Agro-ecology) naannoon Oromiyaa qabdu keessatti qorannoo geggeessaa jiruun bara omishaa 2016/2017tti milkaa’aa jira. Haaluma kanaan giddugaleessonni haala qilleensaa Baddaa, Badda Daree fi Gammoojjii keessatti qorannoo geggeessaa jiraniin milkaa’ina argamsiisaa jiru. Dabalataanis; teknoolojiiwwan milkaa’ina Inisheetiivii qonnaa milkeessan  irratti xiyyeeffachuun hojjatamaa jira. Kunis, teknoolojiiwwan qonnaa al-ergii guddisan, wabii nyaataa mirkaneessan, omisha alaa galu kan biyya keessatiin bakka buusuuf oolaniifi carraa hojii uumuuf kan gargaaran qorachuun qotee/horsiisee bulaaf dhiyeessuun Badhaadhina hunda galeessa fiduuf hojjachaa jiru.

Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis teknoolojiiwwan qonnaa naannoo hanqina Roobaatiif mijatoo ta’an irratti qorannoo geggeessuun sanyiilee Midhaan kanneen akka Bishingaa, Boloqqee, Aatoo Boonsituu fi kkf baay’isaa jiruun milkaa’aa jira.