Omishaafi Omishtummaa Qonnaa Dabaluuf Kutannoon Hojjatamaa Jira
Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Machaaraa godina Harargee Lixaatti qorannoo dam-daneessa geggeessaa jiruun bu'aan gaariin galmaa'aa jira. Giddugaleessichi teknoolojiiwwan hanqina roobaa dandamachuun yeroo gabaabaa keessatti omishaaf gahanii fi sanyii Buna Harargee fooyyessuu irratti xiyyeeffatee hojjataa kan jiru yoo ta'u; qorannoo hanga ammaatti geggeessaa tureenis milkaa'aa jira.
Haaluma kanaan bara kanas yaaliiwwan qorannoo geggeessaa jiru haala gaariifi abdachiisaa ta'e irratti argama.