Sanyiileen Haaraa Gadi Lakkifaman Utubaa Dinagdee Biyyaati

  • 29 Aug 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Sanyiileen haaraa giddugaleessota qorannoo qonnaan gadi lakkifaman omishaafi omishtummaa naannoo fi biyyaa keenyaa daraan dabaluun utubaa dinagdee ta’aa jiru.

Keessumattuu sanyiin Bunaa haaraa ‘’ Harannaa’’ jedhamu kan Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Sinaanaatiin gadi lakkifame omishaafi omishtummaan isaa daraan olaanaa kan ta’eefi dhukkuba kan dandamatu baay’ataa jira.