Ce’umsa Qonnaaf Gaheen Qorannoo Daraan Olaanaadha

  • 06 Sep 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojiiwwan qonnaa ammayyaa’ee qotee/ horsiisee bulaaf dhiyeessuun jiruufi jireenya hawaasichaa akka jijjiiramu taasisuuf Inistiitiyuutii hundaa’edha. Haaluma kanaan yeroo gara yerootti giddugaleessota qorannoo qonnaa kudha torba isa jalatti bulaniin teknoolojiiwwan qonnaa qorannoon argate uummata biraan gahaa jira.

Bara omishaa 2016/2017ttis teknoolojiiwwan heddu hawaasa qotee/horsiisee bulaa haala qilleensa adda addaa naannoon Oromiyaa qabdu keessatti qorannoo geggeessaa jiruun milkaa’aa jira. Keessumattuu, hanqina sanyii filatamaa mudataa jiru furuuf sanyiilee haaraa baay’achaa jiraniin hanqinni sanyii furmaata argachuuf kan jiru ta’uu qorannoon geggeeffamaa jiru agarsiiftuu tokkodha.