Milkaa’ina Inisheetiiviiwwan Qonnaa Keessatti Gaheen Sanyii Filatamaa Daraan Olaanaadha

  • 23 Sep 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Hanqina sanyii filatamaa naannoo keenya mudataa jiru furuuf giddugaleessonni qorannoo qonnaa hojiilee baay’isa sanyii hojjataa jiraniin bu’aan olaanaan argamaa jira. Keessumattuu bara kana xiyyeeffannoo kennameen sanyiilee midhaan gosa addaa addaa milkaa’ina karoora Inisheetiivii qonnaa keessatti teknoolojiiwwan qooda olaanaa qaban baay’ataa jiru.

Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Haroo Sabbuu sanyii filatamaa Boqqoolloo, Ruuzii, Buna, Aatoo Boonsituu fi kkf oyruu qonnaan bulaa fi buufata qorannoo irratti baay’isaa jiruun milkaa’aa jira.