Sanyiileen Haala Qilleensa Adda Addaatiif Mijatan Baay’ataa Jiru

  • 24 Sep 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Haroo Sabbuu sanyiilee midhaan gosa adda addaa haala qilleensa adda addaa (agro-ecology) keessatti omishaa fi omishtummaan isaanii olaanaa ta’e godina Qeellam Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa aanolee adda addaa keessatti sanyii filatamaa Boqqoolloo BH-661, Boloqqee, Aatoo Boonsituu, Ruuzii, Daagujjaa fi kkf baay’isaa jira. Hojiileen baay’isa sanyii kunis milkaa’ina olaanaan geggeeffamaa jiraachuu giddugaleessichi beeksiseera.

Dabalataanis, giddugaleessichi hojiilee qorannoo dam-daneessa geggeessaa jiruun teknoolojiiwwan haaraa madaksuu, burqisiisuu fi raabsuuf kutannoon qorannoo geggeessaa jira.