Yaaliiwwan Bunaa Geggeeffamaa Jiran Milkaa'aa Jiru

  • 04 Nov 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti giddugaleessota qorannoo jaha (6) keessatti yaaliiwwan Bunaa geggeeffamaa jiran milkaa'aa jiru. Galmoota arfan qonnaa keessaa tokko kan ta'e al-ergii dabaluu keessatti qooda olaanaa kan qabu Buna omishaafi omishtummaa isaa dabaluuf sanyii haaraa dhiyeessuuf qorannoon geggeeffamaa jiru abdachiisaadha.