Gamaggamni Piroojektoota Qorannoo Geggeeffamaa Ture Milkiin Goolabame

  • 04 Mar 2025
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Gamaggamni piroojektoota qorannoo guyyoottan afuriif geggeeffamaa ture milkaa'ina olaanaan goolabame. Haaluma kanaan hojiileen qorannoo piroojektii FSRP fi kan Daarektoreetii Qorannoo Sanyii fi Baay'isa teknoolojii dhiyaachuun gamaggamamaniiru.

 

Gamaggamicha irrattis piroojektootni qorannoo dhiyaatan kanneen fayyadamummaa qotee/horsiisee bulaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaniifi wabii nyaataa mirkaneessan, al-ergii guddisan, carraa hojii uumuufi kanneen alaa galan kan bakka bu'aniidha.

 

Cuufinsa saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutuchaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa ergaa dabarsaniin xiiqeeffannee bonaafi ganna qorannoo geggeessuun teknoolojjiiwwan qonnaa rakkoo furaniifi badhaadhina biyyaa fi naannoo keenyaa mirkaneessaan irratti xiyyeeffachuun hojjachuu qabna jechuun qorattootaafi hirmaattotaaf dhaamaniiru.