Looreetiin Damee Qonnaa Addunyaa Piroofesar Gabbisaa Ejjataa Manaajimentii Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Waliin Marii Geggeessan
Looretii Qonnaa addunyaa kan ta’an Piroofesar Gabbisaa Ejjataa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti argamuun hojiilee qorannoo Inistiitiyuutichi geggeessaa jiru irratti gorsaa fi muuxannoo qaban qoodaniiru. Dabalataanis, hojiilee qorannoo geggeeffamaa jiran kan dinqisiifatanii fi teknoolojiiwwan qorannoon bahan oyruu qonnaan bulaa irratti jijjiirama bu’uuraa fiduu akka qabaatuufis dhaamaniiru. Akkasumas; Dubartoota fayyadamoo teknoolojii taasisuuf ciminaan hojjatamuu akka qabaatuufis Mootummaafi qaamoleen qooda fudhattootaa marti irratti hojjachuu akka qabaniif ergaa dabarsaniiru. Dabaluunis; hojiilee qorannoo hojjatamaa jiran daraan cimsuuf onnachiiftuun jiraachuu akka qabuufi kan hojii isaatiin milkaa’aa ta’e onnachiisaa kaaniif kaka’umsa akka ta’uuf jajjabeessuun murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Sagantaa kanarrattis Gorsaa Olaanaa Inistiitiyuutichaa kan ta’an Dr. Abarraa Dheeressaa yaada kennaniin Piroofesar Gabbisaan nama waan hundaan guutuu ta’e biyyi keenya Itoophiyaan addunyaaf gumaachite jechuun ibsaniiru. Dabalataanis, Looreetii Addunyaa damee Qonnaatiin nama milkaa’aa ta’aniifi ardii Afrikaafillee bu’uura teknoolojii qonnaafi abbaa Afrikaanotaafi addunyaa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas; Looreet Gabbisaan nama jabaa sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa darbuun milkaa’aniifi addunyaa guutuuf nama fakkeenya ta’aniidha jechuun kan ibsan yoo ta’u; ciminaafi kutannoo isaanii kanarraa rakkinaa fi qorumsa nama mudatu dandamatanii milkaa’uun akka danda’amuuf Piroofesar Gabbisaan nama fakkeenya ta’aniidha jedhaniiru.
Beekumsaa fi ogummaa qonnaa irratti qaban Inistiitiyuutichaaf qooduu isaaniitiif Daarektarri Olaanaa IQQO Obbo Tashoomaa Boggaalaa kabajaa fi jaalala qaban Piroofesar Gabbisaaf ibsan. Laaboratoorii qorannoo Baayoteknoolojii haaraa hundaa’e daawwachuun laaboraatooricha dinqisifachuun caalmaatti akka jabaatuuf waliin hojjechuuf Piroojektii qorannoo qindoominaa gara biyyaatti fiduun akka hojjetaniif yaada kennaniiru.
Dhumarrattis, Teknoolojiiwwan Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatiin ba’aa jiran heddumminaan fi qulqullinaan gaarii ta’uu hubatanii qonnaan/horsiisee bulaa biraan ga’uuf hojii jabaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru. Dhuma irratti qorattoonnii kaka’umsa gaariin itti gaafatamummaa bahaa akka jiran ibsanii misooma biyya keenyaatiif kana caala cimanii akka hojjetan muuxannoo fi beekumsa horatan qooduuf qophii akka ta’an ibsaniiru.