Woorkishooppiin Gamaggama Yaaliiwwan Qorannoo Xumuramanii Geggeeffamuu Eegale
Woorkishooppiin gamaggama yaaliiwwan qorannoo xumuramanii Onkoloolessa 17/2018 Waajjira Olaanaa Inistiitiyuutichaa Finfinnee jirutti geggeeffamuu eegale. Gamaggama kanarrattis piroojektootni qorannoo xumuraman 400 ol dhiyaachuun kan gamaggamaman ta'a.
Saganticha irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa qorattootaaf ergaa dabarsaniin hojiin qorannoo geggeeffamu argannoon isaa kan bu'aa irratti xiyyeeffatee fi ifaa kan ta'e, akkasumas; teknoolojii qonnaa omishaafi omishtummaa dabaluu keessatti qooda olaanaa qaban qorannoon dhiyeessuuf hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.


