Sanadni Waliigaltee Hojii Mallattaa’e
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Intarpiraayiziin Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa sanada waliigaltee hojii Guraandhala 27/2018 Waajjira Olaanaa Inistiitiyuutichaa Finfinnee jirutti waliif mallatteessan.
Waliigalteen kunis hojiilee qorannoo Kanniisaa Inistiitiyuutichi hojjataa jiru daraan dabaluu keessatti qooda olaanaa kan qabu, omishaafi omishtummaa dammaa, akkasumas; gurmuu Kanniisaa baay’isuuf qooda olaanaa kan qabudha. Kana milkeessuufis Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolotaa gurmuu Kanniisaa amma baay’isaa jiru caalmaan dabaluun bosonaa intarpiraayizichaan bulu lafa heektara afur ta’u keessatti gurmuu Kanniisaa baay’isuuf kan gargaaru sanadni waliigaltee kun Daarektara Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Araarsaa Raggaasaa fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa waliigaltee hojii waliif mallatteessaniiru.


