Inistiitiyuutichi Gamaggama Raawwii Karoora Hojii Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 Gamaggamaa Jira

  • 24 Jul 2026
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa raawwii karoora hojii bara 2018 fi karoora bara hojii 2019 Wajjiira Olaaanaa Inistiitiyuutichaa Finfinnee jirutti guyyoota afuriif gamaggama geggeessaa jira.

 

Haaluma kanaan Adoolessa 14-15/2018tti raawwilee karoora hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 Inistiitiyuutichaa gamaggamuun ciminaalee fi hanqinaalee hojii turan qorachuun kallattii kan kaa'e yoo ta'u; Adoolessa 16-17/2018tti raawwii karoora hojii bara 2018 giddugaleessota qorannoo 17n geggeeffamaa ture qorataa jira.

 

Gamaggama kanarrattis haasaa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggalaa ergaa dabarsaniin barri kun akka Naannoo keenyaa fi Inistiitiyuutittis bara milkaa'inaa waan ta'eef kanaa olitti milkaa'uuf kutannoo fi ciminaan hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru. Dabalataanis barri 2019 bara waan hundaan of danda'uu waan ta'eef karoorri bahus kanuma giddugaleeffatee qophaa'uu akka qabuufi ''Karoora Of danda'uu'' jedhame kan moggaafame ta'uus ibsaniiru.

 

Inistiitiyuutichatti gorsaafi qorataa olaanaa kan ta'an Dr. Abarraa Dheeressaas ergaa qorattootaaf dabarsaniin hojiin qorannoo hojii halkaniifi guyyaa hojjachuun aarsaa kan gaafatu waan ta'eef qaamoleen kanarratti bobbaatan nuffiifi dadhabbii malee hojjattanii naannoofi biyya keessan hiyyummaa keessaa akka baaftan jechuun dabalanii dhaamaniiru.

Dhumarrattis, deeggarsi hojiilee qorannoof taasifamu cimee kan itti fufuufi galteewwan qorannoof dhiyaachuu malan yeroo eeggatee akka dhiyaatuuf Ittaanaan Daarektara Olaanaa Damee Bulchiinsaa Dr. Lammaa Abarraa dhaamaniiru.