Agiro-Ikkoolojiin Biyya Keenyaa Omisha Makadaamiyaaf Mijataa Ta’uun Qorannoon Mirkanaa’e

  • 17 Jun 2025
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Maddi biqila Makadaamiyaa biyya Awustiraaliyaa yoo ta’u; biyyoonni Afrikaa kanneen akka Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa omisha Makadaamiyaa omishanii alatti erguun galii olaanaa irraa argachaa jiru. Biyyi keenya Itoophiyaanis keessumattuu, Agiroo Ikkoloojiin naannoo keenyaa caalmaan omisha Makadaamiyaaf baay’ee mijataa ta’uun ishee qorannoon mirkanaa’uun gara omisha Makadaamiyaatti galamee jira.

 

Haaluma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaas Inisheetivoota haaraa afur dabalaman keessaas Makadaamiyaan isa tokko. Hojii kana milkeessuufis Giddugaleessi Qorannoo Horattootaa fi Qonna Gammoojjii Yaa’abal’oo godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa oyruu qonnaan bulaa irratti yaalii geggeessaa jiruun omishaa fi omishtummaan Makadaamiyaa olaanaa ta’uusaa mirkaneeffateera.

 

Giddugaleessichatti Abbaa Adeemsa Midhaanii fi Qorataa kan ta’an Obbo Ijjiguu Ijaaraa akka ibsanitti gosoota Makadaamiyaa lama (Macadamia tetra folia fi Macadamia integrifolia) jedhaman biqiltuu isaa biyya Keeniyaatii karaa dhaabbata NeoBOOTAB Agrifarm fi Giddugaleessa Qorannoo Horattootaa fi Qonna Gammoojjii Yaa’abal’ootiin biyya keessa galchuun yaalii geggeessaa turaniin omishaafi omishtummaan isaa olaanaa ta’uu mirkaneessanii jiru. Yeroo dhiyoottis kan galmaa’u ta’uusaas ibsaniiru.