Cuuciin Lukkuu Sanyii ‘Koekoek’ Baay’achuun Raabsamaa Jiru
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu Inisheetiiviiwwan akka naannoo keenyaatti karoorfaman keessaa tokko kan ta’e omisha Lukkuu daraan dabaluuf sanyii lukkuu faayidaa adda addaaf oolan mala Saayinsawaan baay’isuun fayyadamtootaaf raabsaa jira. Haaluma kanaan hanga ammaattis Cuucii lukkuu 3825 baay’isuun raabseera.
Dabalataanis giddugaleessichi omishaa fi omishtummaa Muuzii dabaluuf mala Tishuukalchariin biqila muuzii baay’isee raabsaa jira.