Deeggarsa Piroojektii Fooyyessa Sirna Nyaataatiin Sanyiin Xaafii Baay'achaa Jira

  • 26 Jun 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Giddugaleessi Qorannoo Horattootaafi Qonna Gammoojjii Yaa'abal'oo sanyii Xaafii DZ-CR-385 madaksuun lafa heektara sadii irratti deeggarsa Piroojektii Fooyyessa Sirna Nyaataa (FSRP)n sanyii baay'isaa jira. Sanyii baay'ataa jiru kanaanis hanqina sanyii Xaafii godina Booranaa mudataa jiru furuuf hojjatamaa jiraachuu giddugaleessichi beeksiseera.