Deeggarsi Qorannoof Taasifamu Abdachiisaadha

  • 10 Jul 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qonna naannoo fi biyya keenyaa ceesisuuf teknoolojii ammayyaa qorannoof tajaajilan deeggaraa turuun isaa ni beekama. Haaluma kanaan bara kanas bajata ramaduun meeshaalee qorannoo Laaboraatoorii Biyyeef tajaajilan Qr. Miiliyoona 23 oliin bituun Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaatti Giddugaleessota Qorannoo Biyyee Baatuu, Naqamtee fi Giddugaleessota Qorannoo Qonnaa Beeddellee fi Fiicheetiif dabarfamee kennameera.

Dandeettii raawwachiisummaa qorannoo cimsuu keessatti gaheen Laaboratooriin qabu daraan olaanaa ta’uusaa hubachuun deeggarsa kan taasise Bulchiinsa Mootummaan Naannoo Oromiyaa Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa galateeffataniiru.