Gamaggamni Waggaa Yaaliiwwan Qorannoo Geggeeffamuu Eegale
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa gamaggama yaaliiwwan qorannoo waggaa 31ffaa geggeessuu eegale. Inistiitiyuutichi gamaggama sadarkaa adda addaatti geggeessu keessaa tokko kan ta’e gamaggamni yaaliiwwan qorannoo akka naannootti geggeeffamu marsaa jalqabaatiin Daarektoreetii qorannoo afuriin Amajjii 19-23/2017tti kan geggeeffamu ta’a. Gamaggama kana irrattis piroojektootni qorannoo xumuraman (Completed), adeemsarra jiran (Ongoing) haaraa (New) ta’an 2697 kan dhiyaatanii gamaggamaman ta’a.
Haaluma kanaan gamaggamni geggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamee akka geggeeffamuuf Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa kallattii kennaniiru. Dabalataanis, karoora xiiqii milkeessuufi dheebuu teknoolojii qonnaa qotee/horsiisee bulaan qabuuf furmaata kan ta’an irratti xiyyeeffachuun gamaggamni geggeeffamuu akka qabus dhaamaniiru.
Gamaggamni marsaa 2ffaa Amajjii 26-30/2017tti geggeeffama.