Gamaggamni Wixinee Yaaliiwwan Qorannooo Geggeeffamuu Eegale
Gamaggamni wixinee yaaliiwwan qorannoo waggaa 30ffaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti Guraandhala 4/2016 geggeeffamuu eegale. Inistiitiyuutichi qorannoo qonnaa geggeessaa tureen teknoolojiiiiwwan rakkoo qonnaa furan heddu madaksuu, burqisiisuufi raabsuun jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa jijjiiruu keessatti qoodni qabu daraan olaanaa ture. Haaluma kanaan bara kanas piroojektiiwwan yaaliiwwan qorannoo sadarkaa adda addaarra jiran 2241 ta'an daarektoreeetii qorannoo adda addaatiin gamaggamaaf dhiyaataniiru.
Gamaggamichis Guraandhala 4-16/2016tti kan geggeeffamu ta'a.