Godinichatti Hanqina Nyaata Beeyladaa Furuuf Qorannoo Geggeeffamaa Jiruun Bu'aan Olaanaan Argameera
Giddugaleessi Qorannoo Horattootaa fi Qonna Gammoojjii Yaa'abal'oo sanyii margaa gosa adda addaa haala qilleensa godina Booranaaf mijatoo ta'an madaksuun horsiisee bulaa godinichaa biraan gahuuf qorannoo geggeessaa jiruun bu'aan argamaa jira.
Gosoonni margaa kunis eegumsa qabeenya uumamaa keessattillee qooda olaanaa qabu. Haaluma kanaan giddugaleessichi buufata qorannoo Qadaalleettis jallisiin gosoota marga adda addaa baay'isaa jira.