Hanqina Sanyii Mudataa Jiru Furuun Qonnaan Bultootaaf Teknoolojii Fooyya’aa Dhiyeessuuf Kutannoon Hojjatamaa Jira

  • 30 Sep 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis teknoolojiiwwan qonnaa hanqina roobaa dandamataniifi kan yeroo gabaabaa keessatti omishaaf gahaan qorachuun fayyadamtoota biraan gahaa tureera. Haaluma kanaan bara kanas sanyii Bishingaa Malkaamii fi Fadis 01 baay’isaa kan jiru yoo ta’u; sanyiileen kun yeroo gabaabaa keessatti kan omishaaf gahan, dhukkuba kan dandamatan, callaa olaanaa kan kennan, akkasumas; hanqina roobaa dandamachuun omishaafi omishtummaa olaanaa kan qabaniidha.