Inistiitiyuutichi Teknoolojiiwwan Fayyadamummaa Qotee/Horsiisee Bulaa Mirkaneessan Irratti Xiyyeeffatee Qorannoo Geggeessaa Jira
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojiiwwan qonnaa jiruufi jireenya qonnaan/horsiisee bulaa jijjiiruun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf gargaaran giddugaleessota qorannoo kudha torbaan hojii qorannoo geggeessaa jiruun jijjiiramni qabatamaan mul'ataa jira.
Inistiitiyuutichi gama Daarektoreetii Qorannoo Midhaaniitiin hojiilee hojjatamaa turaniin teknoolojiiwwan heddu baasuun galmoota qonnaa arfan qabaman mirkeessaa jira. Bara kanas Daarektoreetichaan teknoolojiiwwan wabii nyaataa mirkaneessan, al-ergii dabalan, kan alaa galan biyya keessatti kan bakka bu'aniifi carraa hojii uumuu keessattillee kan gargaaran qorannoon baasuu, madaksuu fi babal'isuun hawaasa fayyadamoo teknoolojii taasisaa jira.
Haaluma kanaan Daarektara Qorannoo Midhaanii kan ta'an Obbo Xaafaa Joobee akka ibsanitti giddugaleessota qorannoo kudhan keessatti hojii qorannoo Midhaanii hojjatamaa tureen sanyiilee haaraa baasuufi madaksuun oyruu qonnaan bulaa irratti babal'isuun qonna irratti jijjiiramni bu'uuraa dhufee jira.