Inistiitiyuutichi Yaad-Rimee Qorannoo Gamaggamaa Jira

  • 16 Sep 2025
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa qorannoo qonnaa geggeessuuf sadarkaa adda addaatti gamaggama geggeessaa tureera. Haaluma kanaan waggoottan dhufaniif piroojektoota yaaliiwwan qorannoo geggeeffamaniif ka'umsa qorannoo kan ta'e Yaad-rimee Qorannoo (Research Concept Note) qorattoota muuxannoo olaanaa qaban waliin Yaad-rimee qorannoo 1595 gamaggamuu eegale.

              

Saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa ergaa dabarsaniin qorannoon geggeeffamu rakkoo qonnaan/horsiisee bulaa naannoo keenyaa furuu keessatti kanneen qooda olaanaa qaban irratti xiyyeeffachuun gamaggamni yaad-rimee qorannoo kun geggeeffamuu akka qabuuf dhaamaniiru.