Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa Sanada Waliigaltee Hojii Mallatteessan

  • 21 Feb 2025
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Omishaa fi omishtummaa qonna naannoo keenyaa daraan dabaluu keessatti qoodni IQQO fi ISFOn qaban daraan olaanaa ta’uusaa beekamaadha. Haaluma kanaan jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa daraan fooyyessuuf sanada waliigaltee Guraandhala 14/2017 waliif mallatteessaniiru.

Kaayyoon waliigaltee kunis jallisii ammayyaa diriirsuun fayyadamummaa qotee/horsiisee bulaa mirkaneessuu, akkasumas; mala oomishaafi oomishtummaan guddachuu danda’u irratti qorannoo geggeessuun bu’aa qorannichaan argamu irraa fayyadamaa taasisuudha. Hojii kanaanis lafti heektarri 30 (soddoma) jallisiin misoomsuun qorannoo irratti geggeessuuf oolu lafa qabiyyee lSFO, Damee Baalee Qonnaa Sinaanaa irraa akka itti fayyadamuu danda’uuf gaaffii dhihaateen erga waaliigalameen booda gara hojiitti galuuf waliigalteen gar-lamee mallattaa’eera.