Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Gamaggama Raawwii Karoora Hojii Bara 2016 Geggeesse
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa raawwii karoora hojii bara 2016 Daarektaroota Qorannoo fi Deeggarsaa Adoolessa 8/2016 Finfinneetti geggeesse.
Inistiitiyuutichi bara kana raawwii olaanaa galmeessuu isaa hojjattootaaf kan ibsan Daarektarri Olaanaa IQQO Obbo Tashoomaa Boggaalaa raawwiin hojii olaanaan galmaa'us fuulduratti ciminaafi kutannoo olaanaan hojjennee fedhii teknoolojii qonnaa qotee/horsiisee bulaan keenya qabu guutuuf boqonnaa malee hojjatamuu akka qabuuf dhaamaniiru.