Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Piroojektii ETH-Soil Waliin Ta'uun Leenjii Qorattootaaf Kenne

  • 04 Mar 2025
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Piroojektiin ETH-Soil hojiilee qorannoo naannoo keenyaa daraan cimsuun omishaa fi omishtummaan qonnaa naannichaa akka dabaluufi hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti waliin hojjachuuf sanada walii galtee mallatteessuun erga gara hojiitti galanii bu'aa olaanaan argamuu eegaleera.                            

Haaluma kanaan dhaabbatichii fi Inistiitiyuutichi waliin ta'uun dandeettii qorattootaa cimsuuf leenjii 'online training' mata duree ''QGIS Spatial Data Analysis Using GIS and Remote Sensing'' irratti qorattoota 17'f leenjiin waggaa tokkoof kennamaa ture xumurameera.

Dhumarrattis, qorattoota leenjicha irratti hirmaataa turan waliin hojiirra oolmaa leenjichaa irratti mariin guyyaa lamaaf turu geggeeffamaa jira.