Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Sanyiilee Filatamoo Haaraa Fayyadamtootaaf Gadi Lakkise

  • 16 May 2026
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waggoottan digdamii shanan darban keessa sanyiilee filatamoo haaraa omishaa fi omishtummaan isaanii olaanaa ta’e qorachuun fayyadamtoota biraan gahaa tureera.  Haaluma kanaan bara kanas gamaggama Koree Mirkaneessa Sanyii Filatamaa Biyyoolessaatiin Waltajjii Caamsaa 3-4/2018 geggeeffameen sanyiilee Midhaanii 32, Nyaata Beeyladaa 3, walumaagalatti sanyiilee haaraa 35 haala qilleensa adda addaa (Agro-Ecology) tiif mijatoo ta’an, akkasumas; omishaafi omishtummaan isaanii sanyii duraanii irraa %10 fi isaa ol caalmaa qaban kan faayidaa qonnaan/horsiisee bulaa mirkaneessan  gadi lakkiseera.

Sanyiileen haaraa  kunneen qulqullinaafi qabiyyee nyaataa olaanaa kan qaban, al-ergiifi omishaa alaa galu kan bakka bu’an, akkasumas; yeroo gabaabaa keessatti omishaaf kan gahan, dhukkubaafi ilbiisota kan dandamatan, hanqina roobaafi caamaa  teknoolojiiwwan dandamatan ta’uun sadarkaa Biyyoolessaatti mirkana’ee jira.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa sanyiiwwan moofaa fi omishtummaan isaanii gadi bu’e omisha keessaa baasuun sanyiiwwan haaraan bakka buusaa jira. Sanyii haaraa baasuu qofa osoo hin taane sanyiiwwan bahan kunneen sanyii ka’umsaa isaanii baay’isuun fayyadamtootaa biraan gaha jira.

Sanyii haaraa tokko qorannoon argachuun waggoottan heddu kan fudhatuu fi bu’aa bahii  guddaa keessa ba’uun sadarkaa Biyyoolessaatti mirkaneessuu waan gaafatuuf waggaa tokko keessatti sanyiiwwan filatamoo haaraa 35 mirkaneessuun milkaa’ina guddaafi keessumattuu bara kana sanyiileen gadi lakkifaman baay’inaa isa jalqabaa yoo ta’u; milkaa’ina kanaaf qorattotaafi qooda fudhattoota hojii kana milkeessan hundaaf kabajaa fi ulfina guddaa akka qaban Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa ibsaniiru.