Maashiniin Boqqoolloo Calleessu kan Mootora Xiqqaan Dalagu Kalaqamee

  • 12 Mar 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Baakkoo Maashinii Boqqoolloo calleessu Abbaa Mootora Xiqqaa kalaquun fayyadamtoota biraan gaheera. Haaluma kanaan dargaggoota dhaabbilee barnoota adda addaarraa eebbifamanii hojii hin qabneef Aanaa Sibuu Siree fi Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti deeggarsa piroojektii Fooyyessa Sirna Nyaataatiin (FSRP)n dargaggoota waldaan gurmaa'aniif maashinii lama kennuun carraa hojii uumeera.

Dabalataanis giddugaleessichi akkaataa itti fayyadama maashinaa irratti dargaggoota gurmaa'an kanaaf leenjii kan kenne yoo ta'u; Maashiniin kunis sa’a tokkotti kuntaala 30 - 40 kan calleessu dha.