Mana Maree Tiraansformeeshinii Qonnaa Oromiyaatti Kilaastarri Bahaa Gamaggama Hojii Inisheetiivii Qonnaa Geggeesse

  • 13 Dec 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaatti (ATO) Kilaastarri Bahaa bakka miseensonni mana marichaa fi qooda fudhattootni godinaalee Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaa argamanitti Mudde 1/2017 gamaggama raawwii hojiilee Inisheetiviiwwan qonnaa Yuunivarsiitii Haramaayaattii geggeesse. Marii kana irratti gabaasa raawwii hojiilee Inisheetivii, hojiilee qorannoo fi baay’isa teknoolojii miseensota mana maree fi qooda fudhattootaan hojjetamaa jiran dhiyaachuun gamaggamamaniiru. Haaluma kanaan raawwiin hojiilee Inisheetivii qonnaa kilaastarichaan hojjatamaa turan jajjabeessaa ta’uun ibsameera.

Dhumarrattis hirmaattootni gamaggamicha irratti argaman hojiilee Inisheetivii qonnaa bulchiinsa Magaalaa Maayaatiin hojjetamaa jiran daawwachuun walgayichi goolabameera.