Qabeenya Dilbii Oromiyaan Qabdu Qorannoon Deeggaruun Badhaadhina Waloo Fiduuf Hojjatamaa Jira

  • 28 Aug 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa qabeenya dilbii naannoon keenya qabdu utubuuf qorannoo damdaneessa geggeessaa jira. Haaluma kanaan qorannoo Qabeenya Uumamaa, Midhaanii, Beeyladaa, Mahaandisummaa Qonnaa, Saayinsii Nyaataa fi kkf irratti qorannoo geggeessaa jiruun milkaa’aa jira.

Bara kanas gosoota Midhaan al-ergii keessaa tokko kan ta’e sanyii Bunaa irratti qorannoo geggeeffamaa jiruun bu’aan gaariin argamaa jira. Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee godinaalee Iluu Abbaa Boor fi Buunnoo Beeddelleerraa sanyiilee bunaa fooyya’oo ta’an walitti qabuun qorannoo haala qilleensa lafa Baddaa fi Badda-daree keessatti qorannoo geggeessaa jiruun milkaa’aa jira. Dabalataanis, buufata qorannoo Tolii Ceekaatti yaaliiwwan Bunaafi Warqee (Enset), Bunaafi Muuzii walkeessa facaasuun qorannoon geggeessaa jiru bu’aa qabatamaa agarsiisaa jira.