Sanadni Waliigaltee hojii Mallattaa'e
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Yunivarsiitiin Wallaggaa hojiilee adda addaa waliin hojjachuuf Sanada Waliigaltee (Memoramdum of Understanding) Waajjira Olaanaa Inistiitiyuutichaatti waliif mallatteessan. Sanadni waliigaltee kunis hojiilee qorannoo qonnaa daraan cimsuu, meeshaalee Laaboraatoorii rakkoolee qorannoo qonnaa furan hojiirra oolchu, qulqullina barnootaafi humna namaa gahoomsuu, akkasumas; dandeettii qorattootaa cimsuuf leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraa kennuu fi kkf irratti waliin hojjachuun misooma walitti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliigaltee taasifame ta'uun isaa ibsameera.
Haaluma kanaan sanada waliigaltee kana Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Tashoomaa Boggaalaa fi Ittaanaa Pirezidaantii Yunivarsiitii Wallaggaa Dr. Dirribaa Dhibbaa Caamsaa 13/2017 Sanada Waliigaltee hojii kana waliif mallatteessaniiru.