Sanadni Waliigaltee Hojii Mallattaa'e
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Dhaabbatni 'Cotti Coffee' jedhamu kan addunyaarraa biraandii Bunaatiin sadarkaa 3ffaa irratti argamu Mala Tishuukalchariin biqila Buna sanyii fooyya'aa omishaafi omishtummaa dabalu, akkasumas; qulqullina olaanaa qabu waliin omishuuf Waajjira Olaanaa Inistiitiyuutichaa Finfinnee jirutti sanada waliigaltee hojii waliif mallatteessan.


