Sanyii Bunaa Haaraan Qonnaan Bultootaaf Abdii Ta’e
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Machaaraa Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumii fi Shanan Dhugootti buna Harargee kan omishni isaa xiqqaachaa fi dhukkubaan miidhamaa tureef kan fala ta’e sanyiin bunaa haaraa ‘Aruuzaa’ jedhamu giddugaleessichaan gadi lakkifame qonnaan bultoota godinichaaf abdii ta’eera. Sanyiin bunaa kunis omishaafi omishtummaan isaas olaanaa waan ta’eef jiruufi jireenya qonnaan bulaa godinichaa jijjiiraa jira.
Haaluma kanaan giddugaleessichi bara kanas biqila Bunaa sanyii Aruuzaa buufata qorannootti baay’isuun raabsaa kan jiru yoo ta’u; fuuldurattis sanyii fooyya’oo haaraa bunaa omishaa fi omishtummaan isaa daraan olaanaa ta’eefi dhukkuba dandamatan qoratee baasuuf hojjataa jiraachuu beeksiseera.