Sanyii Ocholonii Haaraan Baay'ataa Jira
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis sanyii Ocholonii haaraa 'Burree' jedhamu kan giddugaleessichaan gadi lakkifame buufata qorannoo Bokkoo irratti baay'isaa jira.
Sanyiin kunis yeroo gabaabaa keessatti omishaaf kan gahu, omishaafi omishtummaan isaa olaanaa kan ta'ee fi qabiyyee nyaata zaayitaaf oolu guddaa kan of keessaa qabu waan ta'eef warshaa Zayitii nyaataa omishan birattillee baay'ee barbaadamaadha.