Sanyiin Biqltuu Bunaa Fooyya'aan Qonnaan Bultootaaf Raabsamaa Jira
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Haroo Sabbuu sanyii biqila bunaa fooyya'aa deeggarsa Piroojektii FSRPn baay'isaa ture qonnaan bultootaaf raabsaa jira.
Haaluma kanaan biqiltuu bunaa 10,000 qonnaan bultoota Aanaa Gullisoo fi Sayyootiif raabseera. Biqilli bunaa raabsame kunis omishaafi omishtummaa olaanaa kan qabu, akkasumas; dhukkuba dandamachuu kan danda'uudha.