Yaad-rimeen Qorannoo (Research Concept Note) Bu'uura Ka'umsa Qorannoo Qonnaati

  • 18 Sep 2026
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments
Inistiitiyuuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojiiwwan fayyadamummaa qotee/horsiisee bulaa mirkaneessan baasuun, madaksuu fi raabsuun jiruufi jireenya hawaasa qonnaan/horsiisee bulaa jijjiiruu keessaatti shoora olaanaa bahachaa tureera. Haaluma kanaan teknoolojiiwwan bu'a qabeessa ta'an fayyadamtoota biraan gahuuf sadarkaa adda addaatti gamaggama geggeessaa tureera.
Bara kanas qorannoof bu'uura kan ta'eefi ka'umsa qorannoo kan ta'e Yaad-rimee Qorannoo (Research Concept Note) 1690 giddugaleessota qorannoo 17 irraa qorattoota muuxannoo olaanaa qaban waliin guyyoottan shaniif gamaggamni kan geggeeffamu ta'a. Gamaggama kanaanis Yaad-rimeewwan qorannoo bu'aa olaanaa hawaasichaaf qaban irratti xiyyeeffatamee kan gamaggamamu yoo ta'u; qorattootni muuxannoo olaanaa qaban sagantaa kanarratti hirmaataa jiru.
Sagantichis haasaa baniinsaafi kallattii gamaggamni Yaad-rimee Qorannoo ittiin geggeeffamuu qabu irratti yaada kan kennan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaas gamaggamni kun bu'uura teknoolojii qonnaa waan ta'eef xiyyeeffannoo olaanaan geggeeffamuu akka qabu dhaamaniiru.