Yaaliiwwan Qorannoo Geggeeffamaa Jiran Abdii EgereeTeknoolojii Qonnaati

  • 30 Sep 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee yaaliiwwan qorannoo Buufata Qorannoo Ilkee irratti geggeessaa jiru haala abdachiisaa irratti argama. Yaaliiwwan dhangaggaa'ummaa biyyee dandamatan kanneen akka Luuppiinii mi'aawaa (sweet lupine), Sinaara nyaataa (food oats), Qamadii tiriitikaalee fi yaaliiwwan Xaafii buufata qorannoo irratti geggeeffamaa jiran milkaa’aa jiru.