Teknoolojiin Akka Biyyaatti Isa Jalqabaa Ta’e Madaqfame

  • 20 Jun 2024
  • Posted by adminresearch2
  • 0 Comments

Teknoolojiin Akka Biyyaatti Isa Jalqabaa Ta’e Madaqfame

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa Inistiitiyuutii ‘Bio and Emerging Technology’ waliin ta’uun akka biyyaatti teknoolojii isa jalqabaa kan ta’e Piroojektii Qorannoo omisha ‘Micro Algae’ (Spirulina) Giddugaleessa  Qorannoo Qonna Adaamii Tulluutti   hojii eegalchiise.

Ispiirulinaan maalidha?

Ispiirulinaan sanyiiwwan Aalgee/saaphaphuu ijaan hin mul’anne  kumaatamaan jiran keessaa sanyii  Aalgee saayinoo baakteeriyaa (Cynobacteria) jedhamu kan Pirootiinii , Vitaaminoota, Kaarboohaaydireetii fi albuudota qaama namaaf barbaachisan hunda kan of keessatti hamateefi nyaata egeree (future food) akkasumas; nyaata ajaa’ibaa (Super food) jedhamuun beekama.  Pirootiniin Ispiirulina keessatti argamuu  nyaata  kanaan dura Pirootiniin badhaadhoo jedhamanii beekaman kan akka foonii  fi Killee dachaa hedduun kan caaluufi  albuudota Pirootinii( essential amino acid) hunda bakka tokkotti kan qabudha. Nyaata kana hanga xiqqoo giraamaan lakkaa’amu qofa liqimsuunis yeroo dheeraaf nama tajaajila. Kanaaf addunyaa irratti ‘NASA’n ykn  Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Addunyaa beekamaan ‘Astiroonomota’ gara  Ji’aa fi Hawaa deeman bu’aa nyaata ‘spirulina’  fayyadamuun  hanga xiqqootiin guyyaa dheeraa akka turan himama.

‘Ispiirulinaa’ omishuuf bishaan, xaa’oowwan ykn nyaata albuuda addaa addaa of keessaa qabu, ifa aduu waggaa guutuufi ijaarsa bishaan keessa naanna’u barbaada. Ulaagaa kana guutuun biyyi keenya keessumattuu, Oromiyaan naannoo sulula qiinxamaa (Rift valley) omisha kanaaf baay’ee filatamaafi uumamaan ‘Ispiirulinaan’ bakka itti argamu kan akka hara Cittuu beekamaadha.

Omishni ‘Ispiirulinaa’ sadarkaa gurguddaa sadiitti qoodama. Isaanis;

1-Omisha (Cultivation) – in pond or raceway

2- Haamuu (Harvesting)-  Filtering from water

2- Gogsuu (Drying)- bishaan keessaa goggoksuun gara  daaku (powder)tti jijjiiruun  qopheessuudha.

Gara fuulduraattis nyaata ajaa’ibaa kanaa uummata biraan ga’uun rakkoo hanqina Pirootinii biyya keenyaa furuuf Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa fi ‘Bio and Emerging Technology’ waliin qorannoon geggeeffamaa akka jiruu fi bu’aan qorannoo milkaa’aa ta’e argama akka jiru Qorattootni Baayooteknoolojii dhimma kana irratti hojjetan ibsaniiru.

Nyaata kana omishuuf bakka fi bishaan xiqqaa garuu nyaata waan hundaa of keessa qabu omishuun naannoo fi haala qilleensa irratti miidhaa kan hin qabnedha.

Walumaagalatti, Ispiirulinaan bakka Foonii, Muuzii, Killee, Kuduraafi Muduraa bakka bu’uufi hanga xiqqoo liqimsuun  Anniisaa kan dhala namaaf kennu, Akkasumas; dhukkuba qaama keenyarraa kan ittisudha.